Kutaan Magaalaa Galaan Guddaa kutaalee magaalaa kudha  lamaan Magaalaa Shaggar jalatti argaman keessaa  tokko yoo taatu teessoo magaalaa Shaggar Finfinnee  irraa fageenya KM 15 irratti argamti.Galaan Guddaan bal’ina lafaa Hektaara 15,197 ol ta’u uwwisa.Galaan Guddaa Aanaalee Sadi kan qabdu yoo ta’u isaanis Lakkuulee Gajjaa, Daalatti fi Galaan Guddaa.Baay’inni Ummataa ishee 146,062 kan tilmamamuudha.

Kaayyoo Paartii Badhaadhinaa

Kaayyoo Gooroo:  Itiyoophiyaa Badhaate Dhugoomsu
Gama Siyaasaan:  Mootummaa Biyyaalessaa Jabaa fi Fudhatama qabu Ijaaruu
Gama Diinagdeen : Misooma Ariifachiisaafi Fayyadamiinsa Haqa Qabeessa Kan Mirkaneessu Diinagdee Hunda Galeessa Ijaaruu
Gama Hawaasummaatiin:  Badhaadhina Hundumaaf Kan Mirkaneessu Misooma Hawaasummaa Hammataa Mirkaneesudha.
Duudhaaleewwan Paartii Badhaadhinaa Kanneen Armaan Gadiiti
Tokkummaa_Sab-daneessummaa: hawaasa siyaasaa fi diinaagdeen tokko ta’e ijaaru. Sab-daneessummaa yoo jennu, kan sabaa, kan amantaa yookiin eenyummaa biroo kan hammatee fi hawaasa eenyulle hin moggeessine jechuu keenya.
Kabaja_Lammummaa: Itoophiyaanoota ija tokkoon kan ilaaluu fi kan murtee qixxee kennu, itti fayyadamummaa haqa qabeessaa isaanii kan mirkaneessu, mirgaa fi bilisummaa sabaa fi sablammoota kan itti mirkana’u, dhimma biyyaa ijoowwaan ta’an murteessuu irratti lammiileen hundinuu wal qixa murteessuuf kan irratti hirmaatan, qooddaa qabeenyaa fi angootiin haqa qabeessa kan itti ta’u, sirna siyaas-dinaagdee uumuu, hawaasa siyaas-dinaagdee tokkoo ijaaru.
Bilisumaa: lammiileen mul’ata jireenyaa kan mataa isaanii filachuu, daandii filatan akka ittiin jiraatan akka mirkanaa’uuf gochu. Hirmaannaa lammiilee hundumaa dabaluun rakkoollee siyaasaa fi diinagdee biyya keenya itti fufiinsaan furu. Mirgoota lammiilee walitti qabamuu, gurmaa’u, barreessuu fi yaada bilisaan ibsachu, mirgoota filuu fi filatamuu mirkaneessu.

Galma

Dandeetti raawwachiisummaa hoggansa keenyaa cimsuun mul’atni magaalichaa ariitii fi kalaqa barbaadamuun fiixa akka bahu taasifameera.

Mul’ata (Vision)

Magaala Eegree (City of the future)

Ergama (Mission)

Sirna bulchiinsaa fi kenna tajaajilaa teeknooloojii ammayyaan deeggaruun misooma saffisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneesuun jiruu fi jireenya hawaasa ammayeessuu
Scroll to Top